Godinoota Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaatti midhaan boqqolloo lafa heektaara kuma 150 ol irratti misoomaa jira

453

Hagayya 23/2015 (TOI) - Godinoota Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaatti midhaan boqqolloo lafa heektaara kuma 150 ol irratti misoomaa akka jiru waajjiraaleen qonnaa godinaalee lamaanii beeksisan.

Godina Qeellam Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaa  godinoota oomisha boqqollootiin beekaman yoo ta’an, akkasumas haalli rooba bara kanaa nisoomaaf mijataa waan ta’eef oomishni fooyya’aan ni argama jedhamee amanama.

Hoogganaan Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa obbo Fayyisaa Hambisaa TOItti akka himanitti, bara oomishaa 2015/16 waliigala lafa heektaara kuma 377  midhaan facaafame keessaa heektaarri kuma 87 fi 820 boqqolloon kan misoome ta’uu ibsaniiru.

Oomisha boqqolloo aanaalee godinichaa hunda keessatti bal’inaan oomishamuu ibsaniiru.

Haalli qilleensaa godinichaa boqqolloof kan mijatu ta’uu ibsuun, oomishni kun akka karoorfameen argachuuf kunuunsi taasifamaa jira jedhan.

Itti dabaluunis lafti boqqolloon faca’e irra caalaan isaa kilaastaraan kan faca’e yoo ta’u, kunis hojii kunuunsaa akka salphataniif taasiseera jedhan.

Oomishtummaa boqqolloo guddisuuf godinichatti xaa’oo biyyee kuma 61 fi 701 ol fi xaa’oo uumamaa meetira kiyuubii miiliyoona 2 fayyadamuu ibsaniiru.

Maasii midhaan boqqollootiin faca’e irraa oomishni kuntaala miiliyoona 2 fi kuma 931 ni eegama jedhan.

Kanuma waliin itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinaa obbo Multaa Waaqjraa akka jedhanitti, godina Qeellam Wallaggaatti lafa heektaara kuma 63 fi 56 midhaan boqqolloon faca’uu ibsaniiru.

Lafti boqqolloon faca’e heektaarri kuma 56 fi 923 kilaastaraan akka dhaabame ibsanii, kanarraas waliigala oomishni kuntaala miiliyoona 2 fi kuma 648 fi 352 akka argamuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Kanaafis xaa’oo biyyee kuntaala kuma 23 fi 179 fi xaa’oo uumamaa kuntaalli miiliyoona 4 fi kuma 785 fi 240 fayyidaarra ooleera jedhan.

Itti dabaluunis heektaara tokkorraa giddu galeessaan oomisha kuntaala 35 ol argachuuf galmi kaa’amee jira.

Qonnaan bulaan Aanaa Daallee Saadii Yaadasaa Saamu’eel akka jedhanitti, qonnaan bultoota misooma boqqolloo irratti hirmaatan keessaa gargaarsa gorsa ogeessaatiin lafa heektaara walakkaa irratti boqqolloo dhaabanii kunuunsaa jiru.

Mala qonnaa kilaastaraatti fayyadamuun oomishuusaanii eeranii, teeknooloojii qonnaa guutuutti fayyadamuun oomisha fooyya’aa akka eegan himaniiru.

Qonnaan bulaan godina Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Asaabii ganda Taasiyoo Molee obbo Tasammaa Alamaayyoo akka jedhanitti, waggaa waggaan boqqolloo ni’oomishu..

Lafa heektaara tokko irratti boqqolloo akka dhaaban himaniiru.

Gargaarsa gorsa ogeessaatiin kunuunsa barbaachisu gochaa jiraachuus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015